Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessii oomisha daldala alaa cimsuuf, gabaan oomishaalee 3 karaa Gabaa Oomisha Ityoophiyaa akka ta’u murtaa’e

Finfinnee, Adoolessa 13, 2012 (FBC) – Dhiyeessii oomisha daldala alaa cimsuuf, gabaan oomishaalee 3 karaa Gabaa Oomisha Ityoophiyaa akka ta’u murtaa’e.
 
Gabaan Oomisha Ityoophiyaa oomishaalee walbichiisaa tureen dabalata, oomishaaleen sadi karaa isaatin gabaadhaf akka dhiyaatan murtaa’era.
 
Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii akka beeksisetti oomishaaleen sadan; atara makoodii, boloqqee buburree diimaa fi piintoo biinidha.
 
Oomishaaleen sadan Fulbaana 1,2013 eegalee karaa Gabaa Oomisha Ityoophiyaatin kan walbichisiifaman ta’a.
 
Murtichi sharafa alaa guddisuuf kan kaayyeffatedha jedheera ministeerichi.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.