Fana: At a Speed of Life!

DhMG fooyya’iinsa jaarraa 21ffaa madaalu taasisuu akka qabu Ityoophiyaan waamicha dhiyeessite

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2015 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fooyya’iinsa jaarraa 21ffaa madaaluu danda’u taasisuu akka qabu Ityoophiyaan waamicha dhiyeessiteerti.

Bara Faranjootaa 1950mootaa eegaltee Ityoophiyaa ergama Nageenyaa fi tasgabbii addunyaa keessatti qooda olaanaa fi cimaa ta’e ba’achaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa Guyyaa dhaabbatichaa ilaalchisee ibsa baaseen himeera.

Dippiloomaasii hunda galeessa qormaata ariifachiisaaf deebii laachuuf fooyya’iinsa haqa qabeessa, hunda hirmaachisuu fi bakka bu’uu danda’u taasisuu akka qabu gaafateera.

Yeroo Ityoophiyaan Chaartara Mootummoota Gamtoomanii keessatti qajeeltoowwan biyyoota hedduu (multilateralism) fi yaad-rimeewwan bu’uuraa isaa eegaa jirtutti, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii haaromsa fooyya’aa, ga’umsa qabuu fi hojiirra ooluu danda’u jaarraa 21ffaaf mijatu akka taasisu gaafachuu Ministeerri Dhimma Alaa ibsa isaan himeera.

Ministeerri Dhimma Alaa kaleessa guyyaa Mootummoota Gamtoomanii ilaalchisee ibsa baaseen, Ityoophiyaan miseensa hundeessitoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan taate, qajeeltoowwan Chaartara Dhaabbatichaa bara 1945 hojiirra oole hojiirra oolchuuf murannoon hojjechaa jiraachuu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.