Fana: At a Speed of Life!

DhMG Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaa guddisuuf kutannoo qabaachuu ibse

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaa lammiilee deeggarsa barbaadaniif taasisu guddisuuf kutannoo qabaachuu ibse.

Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Hogganaa Waajjira Qindeessaa Deeggarsa Namoomaa dhaabbatichaa Maartiin Giriifiitis waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan Maartiin Giriifiitis waliin kan mari’atan Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niwuyoorkitti gaggeeffamaa jiru cinaatti ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaatti lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsa namoomaa guddisuun barbaachisaa ta’uu Obbo Dammaqaan yaadachiisuu ibsameera.

Maartiin Giriifiitis gamasaaniin, mootummaa Ityoophiyaa waliin hojjechuufi deeggarsa namoomaa guddisuuf fedhii qabaachuu dubbataniiru.

Gama biraan obbo Dammaqaan gitasaanii Soomaaliyaa waliin dhimmoota gam-lameefi naannawaarratti mari’achuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.