Fana: At a Speed of Life!

Diyaaspooraan lammiilee naannoo Tigraayiif deeggarsa namoomaa taasisuu qaba-Dooktar Muluu Naggaa

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2013 (FBC)- Diyaaspooraan dhalattoota naannoo Tigraay ummattoota naannichaaf deeggarsa namoomaa taasisuu akka qabu Hoji gaggeessaan bulchiinsa yeroo naannichaa Dooktar Muluu Naggaa waamicha dhiyeessaan.
Dooktar Muluu akka ibanitti, naannoo Tigraayitti duula olaantummaa seeraa kabachisuutin ummata naannichaarra rakkoo ga’ee furuufi deebisanii dhaabuun cimee itti fufuu ibsaniiru.
Mootummaan federaalaa fi naannoo naannichatti hoji deebisanii dhaabuu fi deeggarsa namoomaarratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.
”Deeggarsi namoomaa siyaasa miti” kan jedhan Dooktar Muluun, diyaaspooroonni Ityoophiyaanoota ta’aan naannoo Tigraayin deebisanii dhaabuuf deeggarsa akka taasisaan waamicha dhiyeessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.