Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Meedaaliyaa “Agricola” Dhaabbata Nyaataa fi qonnaa Addunyaan badhaafaman

Finfinnee, Amajjii 19, 2016 (FBC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Meedaaliyaa “Agricola” Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa badhaafamaniiru.

Dooktar Abiy sagantaa Room Xaaliyaanitti gaggeeffamerratti Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Mootummoota Gamtoomaniin Meedaaliyaa ‘Agricola’ badhaafamaniiru.

Badhaasichis wabii nyaataa fi dhiyeessii nyaata madaalawaan cichoomina, kutannoo fi hoggansa argisiisaniin akksumas haala naannawaa jijijjiiramaa fi walxaxaa keessatti oomisha qamadiin of danda’uuf furmaataa kalaquun hordofaniif beekkamtichi kennamuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

Saganticharratti gareewwan jila biyyootaa garagaraa, bakka b’ootaa dhaabbilee idil addunyaa, dippilomaatota misiyoonii Xaaliyaaniitti argaman, bakka bu’oota damee dhuunfaa bakka argamanitti badhaasichi kennameeraafi.

Itiyoophiyaan waggoottan shanan darban damee qonnaan invastimantiiwwan murteessoo gaggeessaa kan jirtu yoo ta’u, oomisha qamadiin of danda’uuf hojiilee garaagaraa hojjechuun oomishaaleerrattis guddina olaanaa galmeessuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.