Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy raawwii hojii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay gamaaggamuu eegalan

Finfinnee, Guraandhala 1, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad raawwii hojii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay gamaaggamuu eegalaniiru.

Bulchiinsi yeroo naannichaa erga hundaa’e eegalee hojiilee hojjetamanii fi fooyya’iinsa jiru gadi fageenyaan qorachuu eegaluu ibsameera.

Gamaaggamni kun hojiilee deebisanii ijaaruu fi hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaarratti Mootummaa Federaalee fi naannoon hojjetamanirratti kan xiyyeeffate ta’uu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

Gamaaggamni raawwii hojii kun bakka Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa fi Dabratsiyoon Gabramikaa’eel dabalatee Hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannichaa biroo argamanitti gaggeeffanaa jira jedhameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.