Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Maqdas Dhaabaan jila Faawundeeshinii Biil and Miliindaa Geetis waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 7, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan jila Faawundeeshinii Biil and Miliindaa Geetis waliin mari’ataniiru.

Tumsi dhaabbilee lamaan gidduu jiru damee hedduuf carraa gaarii ta’uu Dooktar Maqdas marii isaaniin ibsaniiru.

Adeemsa Dubartoota ga’oomsurratti waloon hojjechuuf fedhiin jiraachuu eeraniiru.

Uwwisa talaallii babal’isuu, dhibee daddarboo ittisuu, ragaa Diijitaalaa, dhaabbilee sababa walitti bu’iinsaan miidhaman deebisanii ijaaruu fi du’aatii haadholii hir’isuurratti waloon hojjechuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Daayrektarri Faawundeeshinii Biil and Miliindaa Geetis Obbo Addis Dassitaan, dhaabbatichi waajjira akka Afrikaatti bane lama keessaa inni 2ffaan kan Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru.

Faawundeeshinichi damee qonnaa fi fayyaarratti hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Ministeera Fayyaa waliin tumsaan hojjechuuf Faawundeeshinichi qophii ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.