Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin damee Teeleekoomii seektaroota hunda kan si’eessuudha – Dooktar Abiy

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2013 (FBC) – Dorgommiin damee Teeleekoomii keessatti muul’ate seektaroota hunda kan si’eessu ta’uu Muummeen FDRI Dooktar Abiy Ahimad dubbatan.

Uwwisni Tajaajila Intarneetii akka baba’atu gochuun dameewwan Qonnaa, Barnootaa, hojiileen kalaqaa fi kanneen biroo ammayyeessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu Dooktar Abiy haasawa sagantaa mallattoo Teeleekoomiirratti taasiisaniin ibsaniiru.

Preezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan gama isaaniin Saafaarii Koom Indaastirii Ityoo Teeleekoomii keessatti hirmaachuun walitti hidhamiinsa misoomaa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf qooda guddaa qabaachuu ibsaniiru.
Sirni mallattoo waliigaltee dhaabbata teeleekoom haaraa Ityoophaatti bobba’uu gaggeeffame.

Mallattichaa gama Ityoophiyaatin daayreektarrii olaanaa Abbaa Taayitaa Kominikeeshinii Ityoophiyaa Injinaar Baalchaa Reebaa fi bakka buutoonni dhaabbilee Safaarii Koom, Koodaakoomii fi Suumiitoomoo waliin mallateessaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.