Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin Shaampiyoonaa Biskileetii Magaalaa Maqaleetti eegale

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2015 (FBC)- Magaalonnii fi naannoleen kan irratti hirmaatan dorgommiin Shaampiyoonaa Biskileetii Ityoophiyaa 2015 har’a Magaalaa Maqaleetti eegaleera.

Dorgommicha Pireezidantiin Federeeshinii Biskileetii Ityoophiyaa Wandimmuu Haayilee fi Hogganaan Ce’umsa Misooma Hawaasummaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Pirofeesar Kindayaa Gabirehiiwoot eegalchiisaniiru.

Obbo Wandimmuu Haayileen akka jedhanitti dorgommichi Waxabajjii 14-18 kan gaggeeffamu ta’uu fi hariiroo gaarii ummatoota gidduu daran kan cimsuudha.

Dorgommichi bara dhufu Ityoophiyaa bakka bu’uun dorgommii Idil Addunyaarratti kanneen hirmaatan filachuuf kan tumsu ta’u himaniiru.

Pirofeessar Kindayee Gabirehiiwot gama isaaniin, dorgommiin Biskileetii Maqaleetti eegale naannolee hundaatti nageenya waaraa mirkaaneessuuf gumaachaa akka qabaatu ibsaniiru.

Kanaafis Ispoortessitonni ambaasaaddara nageenyaa ta’uu akka qaban dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.