Fana: At a Speed of Life!

Dorgommiin Shaampiyoonaa Ispoortii aanaalee godina Jimmaa 29ffaan eegale

Finfinnee, Guraandhala 6, 2015 (FBC) – Dorgommiin Shaampiyoonaa Ispoortii aanaalee godina Jimmaa 29ffaa har’a eegaleera.

Dorgommiin aanaalee godinichaa hunda hirmaachise kun Kubbaa miilaa fi saaphanaa dabalatee gosoota Ispoortii adda addaan ni dorgoomama jedhame.

Kaayyoon dorgomichaa Ispoorteessitoota naannoo fi biyya bakka bu’an horachuu ta’uu Itti gaafatamaan Waajira dargaggoo fi ispoortii godina Jimmaa Obbo Nagummaa Makonniin dubbataniiru.

Dorgomicha irratti ispoorteessitootni kumni 1 ol akka hirmaatan kan eeran Obbo Nagumaan,dorgimmicha karaa nagaan akka xumuramuuf qophiin barbaachisaan hundi taasiifamuu ibsaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.