Fana: At a Speed of Life!

Dubartii Afriikaa yeroo jalqabaaf NASA seente

Finfinnee, Qaammee 3, 2012 (FBC) – Dubartii Afriikaa yeroo jalqabaaf NASA seente.

Dubartiin Niijeer Fadjii Maayinaa, dubartii Afriikaa jalqabaa jabduu dhaabbata hawaa fi wantoota hawaa keessa jiran qoratu(NASA) keessa seente taateetti.

Haayidirooloojistiin umrii waggaa 29 kun digiriishee sadaffaa(PhD) bara Faranjoota 2016 argatte.

Dhaabbata addunyaarratti beekamaa ta’e NASA kan US keessatti argamu ammoo dhuma ji’a darbee seente.

Carraa hojii argatte kanaan biyyashee fi ardii Afriikaa akka gargaaruuf karoorfatte dubbatte Fadji Mayina.

Dubartiin akka kiyyaa Niijeer keessaa baatee NASA seentee jedhee namni yaadu hin jiru, garuu akka danda’amu beekuu qabu jetti.

Dhaabbata akka NASA keessatti namoota keenya hedduu qabaachuu qabna jetti Fadjii Maayinaa.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.