Fana: At a Speed of Life!

Dubartoonni aanaa Tokkee Kuttaayee Raayyaa Ittisa Biyyaaf galaa qopheessaa jiru

Finfinnee, Adooleessa 26, 2013 (FBC)- Dubartoonni Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayee Raayyaa Ittisa Biyyaaf galaa qopheessaa jiru.

Itti gaafatamtuun liigii dubartootaa Godina Shawaa Lixaa Aadde Ayyaantuu Yishaaw, dubartoonni godinichaa goototaa fi haadha goototaa ta’uu himuun raayyaa bittisaaf aanaalee godinichaa keessatti galaan qophaa’aa jira jedhan.

Itti gaafatamtuun waajjira dhimma dubartootaa, daa’immanii fi dargaggotaa Aanaa Tokkee Kuttaayee Aadde Tigist Soorii, dubartoonni aanaa keenya galaa kana kaka’umsa mataasaaniitiin qopheessaa jiru jedhan.

Dubartoonni galaa qopheessaan ofii keenyaan aarsaa kanfaluuf birmadummaa biyya keenyaa tiksuuf qophiidha jechuusaanii ragaan waajjira kominikeeshinii mootummaa godina SHawaa Lixaarraa argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.