Fana: At a Speed of Life!

Dubartoonni Maree biyyaleessaa keessatti yaada isaanii Ajandaa akka taasiifatan jajjabeessuu qabna – Pireezidaant Saahilawarqi Zawdee

Finfinnee, Ebla 19, 2016 (FBC) – Dubartoonni Maree biyyaleessaa keessatti yaada isaanii Ajandaa akka taasiifatan jajjabeessuu qabna jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen.
Koomishiniin Maree Biyyaleessaa hirmaannaa fi gahee dubartoonni maree biyyalessaa keessatti qaban ilaalchisee waltajjii marii gaggeessera.
Waltajjicharratti Hasaawa kan taasiisan Pireezidaanti Saahilawarqi Zawdeen, Waltajjin Marii biyyaleessa qaamoolee hawaasa kan hirmaachise, hammattoo fi bu’aa qabeessa ta’uu isa eeruun, kanaanis biyyoonni hedduun fayyadamoo akka ta’an ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti garaagarummaan yaada babal’achurra darbe walitti bu’iinsi uumamaa jiraachuu kaasuun, kana sirrerssuufi biyyaa bu’uura cimaarratti ijaaruuf gaheen koomishinichaa olaanaa ta’u dubbataniiru.
Haaluma kanaan walitti bu’iinsa keessatti dubartoonni miidhamoo waan ta’aniif marii biyyaleessaa keessatti yaada kennuufi hirmaachuu akka qaban eeraaniiru.
Kanaafis yaada isaanii ibsachuun ajandaa akka taasisaniif jajjabbessuu qabna jedhan.
Tigist Asmaamaawutu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.