Fana: At a Speed of Life!

Duudhaalee nageenyaa ijaaruu keessatti gaheen dubartootaa olaanaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 10, 2015(FBC)- Sagantaan xumura guyyaan dubartootaa idil addunyaa mata duree” Ani Obboleettii Koo Nan Eega” jedhuun kabajamaa ture naannoo Affaar magaalaa Samaraatti gaggeeffameera.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, baatiiwwan darbanitti sochii hawaasaa taasifameen dubartoota miidhaarraa eeguun danda’amuu ibsaniiru.

Biyya rakkoolee nam-tolcheerraa baraaruuf aadaa walgargaarsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.

Mariiwwan paanaalii garaagaraa gaggeessuun nageenyarratti hubannoo uumuun, hojiilee dubartoota sadarkaan jiran fayyadamoo taasisan hojjechuus eeraniiru.

Ministeerichi qaamolee dhimmatootaa biro hirmaachisuun dhimma dubartootaarratti hojjechaa turuu ibsaniiru.

Sadarkaa Ittaantuu Pireezidaantii naannoo Affaaritti Qindeessituun Kilaastara Hawaasummaa Amiinaa Seekoon gamasaaniin, duudhaalee nageenyaa ijaaruu keessatti gaheen dubartootaa olaanaa ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.