Fana: At a Speed of Life!

Duula Ashaaraa Magariisaa Oromiyaatti guyyaa boruu gaggeeffamuuf qophiin xumuramuu ibsame

Finfinnee, Adooleessa 5, 2013 (FBC) – Oromiyatti guyyaa boruu biqiltuu miiliyoona dhibba 3 fi miilyoona 50 ol duulaan dhaabuuf qophiin xumuramuu ibsameera.
Sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessan Kilaasteera Misooma Baadiyyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen guyyaa boruu hawaasni tokkummaan ba’ee karoora kana akka milkeessu waamicha dhiyeessaniiru.
Adooleessa 6, 2013 seenaa haaraa hojjechuuf hawaasni duula kanarratti bifa hoo’aa ta’een akka hirmaatan dhaamaniiru.
Guyyaa har’aa sadarkaa hundatti qophiin duraa taasiifamu xumuramuu akka qabu ibsaniiru.
Wayita dhaabbiin biqiltuu gaggeeffamu saayinsii isaa eegee raawwachuu akka qabus hubachiisaniiru.

Oromiyaatti bara kana biqiltuu biiliyoona 4.5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’uu, hanga ammaatti biqiltuun biiliyoonni 1.8 dhaabbachuu ibsaniiru.

Biqiltuun dhaabbiif qophaa’ee mancaatii malee sirnaan hojiirra ooluu akka qabu dubbachuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.