Fana: At a Speed of Life!

Egzibiishiiniin yuunvarsiitoota guutuu biyyatti 40 hirmaachise Yuunvarsiitii Dirree Dawaatti eegale

Finfinnee, Hagayya 28, 2013 (FBC)- Egzibiishiiniin yuunvarsiitoota guutuu biyyatti 40 hirmaachise Yuunvarsiitii Dirree Dawaatti eegaleera.

Egzibiishinichii guyyoota sadiif tura jedhameera.

Egzibiishiiniin kun Mata duree ‘walitti hidhamiinsa yuunvarsiitiwwanii olaanaa misooma walitti fufaaf’ jedhuun ka qophaa’ee

Egzibiishinichiirrattis Ministir deetaan ministeera saayinsii fi dhaabbilee barnoota olaanoo Dookta Saamu’eel Kiflee, itti aanaa kantiibaan bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa
Obbo Kadir Juhar, Af yaa’iin bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa AAdde Faxuum muusxafaa argamaniiru.

Dooktar Saamu’eel Kiflee egzibishinichii guddina industirii fi humna nama baratee waan walitti hidhuuf caalmaatti dhimma xiyyeeffannoo barbaadu tahuu himaniiru.

Dirre Dawaan biyyattiif koridarii murteessaa taatuus guddina gahaa hin galmeessin turteetti kan jedhan itti aanaan kantiibaa bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa obbo Kadir Juhaar mootummaan haara’umsaa erga dhufee as jijjiiramni dhufaa jira jedhaniiru.

Egzibiishinii kanarratti hojiileen kolleejjii fi daayrektoreetii Yuunvarsiitii Dirre Dawaan bara 2013 keessa hojjetaman qooda fudhattootaaf ni dhiyaata.

Kunis daawwii giddu gala tajaajila interneetii mooraa yuunvarsiitichaa keessatti Birrii miliyoona dhibba 1 fi 90 oliin ijaarame kan hammatuudha.

Kunis waltti dhufeenya yuunvarsiitii cimsuu bira darbee muuxannoo waljijjiiruuf akkasumas induustiriif dhagaa bu’uuraa kaa’uu akka ta’e preezdaantiin yuunvarsiitii Dirree Dawaa Dooktar Uubaa Adam ibsaniiru.

Biqilaa Alamuutu gabaase

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.