Fana: At a Speed of Life!

Ejansichi Qonnaan Bultootaaf callaa Gidduftuu dhiyeessaa jiraachuu beeksiise

Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC) – Ejensiin Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa qonnaan bultootaaf callaa Gidduftuu dhiyeessaa jiraachuu beeksiiseera.
Ejensiin Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa har’a miidiyaaleef ibsa lateen, qonna arfaasaa fi gannaan qonnaan bultoota hanqina dhiyeessii callaa guddiftuu akka hin muudanne haala mijataa uumaa jiraachuu himeera.
Ejensichi dhiyeessi callaa guddiftuu kuntaala miiliyoona 8.2 dhiyeessuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu ibseera.
Callaa Guddiftuun bara kana dhiyeessuuf karoorfame kan bara darbeen yoo madaallame kuntaala miiliyoona 2.5 caalmaa qaba jedhame.
Callaa Guddiftuu Kuntaalli miiliyoonni 7.2 alaa kan galu ta’uu fi hanga ammaatti kuntaalli miiliyoonni 4.2 biyya keessa galuu Daayreektarri Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Ahimad Sayiid himaniiru.
Dabalataanis kuntaalli miiliyoona 3.5 geejjibsiifamaa jiraachuu obbo Ahimad himaniiru.
Hirphoo Shibootu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.