Fana: At a Speed of Life!

Embaasiin Faransaay Biiroo Barnootaa Oromiyaaf Kitaabota 968 deeggarsa taasise

Finfinnee, Amajjii 20, 2016 (FBC)- Embaasiin Faransaay kitaabota Afaan Faransaayiin qophaa’an, barattoota manneen barnootaa Bultii Addaa fi Manneen Barnoota Addaa Afaan Faransaay barataniif 968 Biiroo Barnootaa Oromiyaatiif deeggarsa taasiseera.

Sirna walharkaa fuudhiinsaarratti Ihogganaa Ittaanaa Biirichaa Dooktar Galaanaa Waldamikaa’eel, Daayirektarri Manneen Barnootaa Bultii Addaa Obbo Siyyum Kabbadaa fi Bakka Buutuun Embaasichaa Maariyooriyee Paayerie Heleef argamaniiru.

Kitaaboonni kunneenis barattoota Afaan Faransaayi barataniif afaanicha salphaatti akka gabbifatan kan gargaaru ta’uun ibsameera.

Embaasiin Faransaay Biiroo Barnootaa Oromiyaa waliin ta’uun barnootarratti deeggarsa barbaachisaa taasisuuf kan hojjetu ta’uu Jilli Embaasichaa ibsuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Biiroon Barnootaa Oromiyaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa kutaa 9-12 jiran sagal keessatti Afaanota biyya alaa barsiisaa jiru keessaa tokko Afaan Faransaay yoo ta’u, barnoota kana gara Manneen Barnootaa Addaattis babal’isaa jiraachuun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.