Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa; walqixxummaa ummataa ni mirkaneessa – obbo Ooruddiin Badrii

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2012 (FBC) – Falaasamni Paartii Badhaadhinaa Ida’amuun; walqixxummaa ummataa kan mirkaneessudha jedhan preezdaantiin mootummaa naannoo Hararii obbo Ooruddiin Badriin.
 
Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Ooruddiin Badrii fi itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Somaalee obbo Muusxafee Mahaammad walga’ii hoggansa Paartii Badhaadhinaa naannoo Hararii fi magaalaa Dirree Dawaa magaalaa Hararitti taa’amaa jirurratti argamuudhan ergaa dabarsaniiru.
 
Obbo Ooruddiin haasaa waltajjicharratti taasisaniin falaasamni Paartii Badhaadhinaa Ida’amuun; walqixxummaa ummataa kan mirkaneessudha jedhaniiru.
 
Paartichi eenyummaa ummattootaa fi tokkummaa biyyaa bifa madaalawaa ta’een kan keessummeessudha jedhan.
 
Kunis biyya cimaa ijaaruuf ni gargaara jedhan.
 
Obbo Muusxafeen gama isaanitiin ummanni baha Ityoophiyaa aadaa waljaalachuu, walkabajuu, ida’amuu, tumsaan waliin jiraachuu qaba jedhaniiru.
 
Obbo Muusxafeen waggoottan lamaan darbanitti gaaffii ummataatin jijjiirrama dhufeen; olaantummaa seeraa kabachiisuu, nagaa fi haqa mirkaneessuu, ummata fayyadamaa taasisuurratti hojiin jajjabeessaa ta’e hojjetamuu ibsan.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.