Fana: At a Speed of Life!

Fayyadama Bishaan mirkaneesuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu itti gaafatama isaanii akka bahatan gaafatame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC)- Bishaan qusachuu, qulqullinaa isaa guddisuu fi dhiyeesii mirkaneesuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu itti gaafatama isaanii akka bahatan gaafatame.

Guyyaan Bishaanii wagga waggaan sadarkaa Addunyaatti baatii Faranjoota Bitootessa 22, mata duree ”Bishaan Nageenyaaf“ jedhuun kabajamaa jiraachuun ibsameera.

Guyyaan Bishaan Addunyaa, falmitoonni faayidaa bishaan dhugaatii fi bulchiinsa qabeenyaa bishaaniirratti xiyyeeffachuun guyyaa itti walfalman ta’uun eerameera.

Bishaan jireenyaaf barbachisaa ta’uus, Addunyarratti namoonni miiliyoonaan lakka’aman tajaajila bishaan dhugaatti argachaa akka hinjiree ibsameera.

Kabaja guyyaa bishaan Addunyaarratti dhimmoota bishaaniin walqabatanirratti hubannoo uumuu fi rakkoo bishaan Addunyaa furuuf tarkaanfiilee fudhataman jajjabeessuuf kan yaadame ta’uun himameera.

Namoonni dhuunfaan, Hawaasni fi Mootummaan bishaan qusachuun, qulqullinaa bishaanii guddisuu fi hundaaf dhiyyeessi walfakkataa mirkannessuuf tarkaanfiin fudhatamus kan deeggaramu ta’uun eerameera.

Ministirri Bishaanii Chaayinaa Zhuu Deez, Guyyaan Bishaan Addunyaa wayita kabajamu, jireenyaaf barbachisummaa fi faayidaa bishaanii giddugaleeffachuun qabeenyicha eeguu fi kunuunsuu qaban jedhaniiru.

Bishaan eeguuu fi kunuunsuu, waarinaan misoomsuu fi hundi bishaan qulqulluu akka argatuuf waloon hojjechuun barbachisaadha jechuu isaanii CGTN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.