Fana: At a Speed of Life!

Fedeershinichi Magaalaa Finfinneetti Birrii miiliyoona 160’n gamoo Abbaa darbii Sagalii ijaarsisuufi

Finfinnee, Caamsaa 3, 2015(FBC)-Fedeershiniin Dubartoota Oromiyaa magaalaa Finfinneetti Birrii miiliyoona 160’n gamoo Abbaa Darbii Sagali ijaarsisuuf guyyaa har’a hojii egalchiisuu ibsame.

Gamoon kutaa magaalaa Booleetti ijaaramu kun waggaa lama keessatti kan xumuramu yoo ta’u,ijaarsa isaa korporeeshinii konstiraakshinii Oromiyaan akka hojjetamus himameera.

Qabsoo uummanni Oromoo taasisaa ture keessatti gaheen dubartoota Oromoo guddaa akka ture Ittaantuun Af-Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Aadde Loomii Badhoon ibsaniiru.

Dubartoonni yoo gurmaa’an malee rakkoo hawaas -dinagdee isaanii hiikachuu hin danda’ani jedhaniiru.

Gamoon Federeeshinii Dubartoota Oromiyaa kun gamoo hunda galeessa, aadaa fi duudhaa Oromoo handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti mul’isuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsameera.

Gamichi lafa kaaree meetira kuma 2fi 600 irratti kan ijaaramu ta’uu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.