Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukiin vaayrasii koroonaa ittisuuf Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa bilisaan akka beeksisu eeyyame

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Feesbuukiin vaayrasii koroonaa ittisuu waliin walqabatee Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa bilisaan akka beeksisu eeyyame.

Hoji raawwachiisaa olaanaan Dhaabbata Feesbuukii Maark Zuukarbarg vaayrasicha ilaalchisuun odeeffannoo sobaa ba’an adda baasuuf Dhaabbanni Fayya Addunyaa bilisaan akka beeksisu eeyyamuu himaniiru.

Kanumaan walqabatee dhaabbatichi fayyadamtootaf beeksisa dhiyeessurra kan darbe deeggarsa biroo taasisuuf qophii ta’uu ibseera.

Tarkaanfiin dhaabbatichaa fayyadamtoonni Feesbuukii kallattiin Dhaabbata Fayyaa Addunyaa akkasumas anga’oota dhaabbilee fayyaa naannoo isaaniirraa vaayrasicha ilaalchisuun odeeffannoo sirrii akka argataniif ni gargaara jedhameera.

Feesbuukiin vaayrasii koroonaa ilaalchisuun odeeffannoowwan sobaa ba’an ittisuun odeeffannoo sirrii fayyadamtoota isaaf laachuun itti gaafatamummaa hawaasaa akka ba’u ibseera.

Maddi:- Rooytars

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.