Fana: At a Speed of Life!

Fiigicha Daayimand Liigii Moorookoo Raabaatiitti fiiggameen Atleetoonni Ityoophiyaa milkaa’aan

Finfinnee, Caamsaa 21, 2015 (FBC) – Fiiigicha Daayimand Liigii halkan edaa Moorookoo Raabaatiitti fiiggameen Atleetoonni Ityoophiyaa milkaa’aaniiru.

Fiigicha fageenya Meetira kuma 1 fi 500 dubartoota gidduutti dorgomameen Atleetoonni Ityoophiyaa 1ffaa hanga 4ffaa ba’uun xumuraniiru.

Haaluma kanaan Atleet Gudaaf Tsaggaay 1ffaa, Fireeweyinii Hayiluu 2ffaa, Birqee Hayyaloom 3ffaa fi Atleet Warqinas Massaleen 4ffaa ba’uu ibsameera.

Fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 dhiiroota gidduutti gaggeeffameen ammoo Atleet Geetinnat Waaleen sadarkaa 2ffaan xumureera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.