Fana: At a Speed of Life!

Fiigicha gulaallii Shaampiyoonaa addunyaa umrii waggaa 20 gadiin Atleetoonni Ityoophiyaa marsaa itti aanuuf darban

Finfinnee, Adoolessa 25, 2014 (FBC) – Fiigicha gulaallii Shaampiyoonaa addunyaa umrii waggaa 20 gadii Kolombiyaa Kaaliitti har’a fageenyawwan garaagaraan gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa marsaa itti aanuuf darbaniiru.

Dorgommii gufachiisaa meetira kuma 3 dubartoota gidduutti gaggeeffameen ramaddii 1ffaarraa Atleet Siimboo Alamaayyoo sadarkaa 1ffaan xumuruun marsaa itti aanuuf dabarteerti.

Atleet Masarat Yeshaaneen ramaddii 2ffaarraa sadarkaa 2ffaan xumuruun marsaa itti aanuuf dabarteert.

Fiigicha gulaallii meetira 1500 dhiiroota gidduutti fiiggameen ammoo Atleet Adihaanaa Kaasayee ramaddii 1ffaarraa sadarkaa 2ffaan xumuruun marsaa itti aanuuf darbeera.

Ramaddii 3ffaarraa ammoo Atleet Eermiyaas Girmee sadarkaa 1ffaan xumuruun gulaallii itti aanuuf darbeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.