Fana: At a Speed of Life!

Jilli Aadde Adaanach Abeebeen durfamu Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa daawwateera

Finfinnee, Ebla 23, 2016 (FBC) –Jilli Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen durfamu Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa daawwateera.

Jilichi Mooraa Qajeelcha Humna Qilleensaa Bishooftuutti argamu keessatti hojiilee misoomaa hojjetamaa jiran daawwateera.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaan Itiyoophiyaanoota hunda kan boonsu dhaabbata jabaa ta’uu Aadde Adaanach ibsaniiru.

Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Letanaan Jeneraal Yilmaa Mardaasaan Hojiilee Misoomaa sagantaa Maaddii Guutuun dhaabbtichi hojjetaa jiru daawwachiisuu ragaan Waajjira Kantibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.