Fana: At a Speed of Life!

Fiigicha qaxxamuraa biyyaa Idil Addunyaa Awustiraaliyaatti dorgomameen Atleetonni Ityoophiyaa injifatan

Finfinnee, Guraandhala 11, 2015 (FBC) – Fiigicha qaxxamuraa biyyaa Idil Addunyaa 44ffaa Awustiraaliyaatti dorgomameen Atleetonnii Ityoophiyaa injifataniiru.

Dorgommii kiiloo meetiraa 8 Riilee walmakaa dorgomameen Atleetoonni Ityoophiyaa meedaaliyaa Meetii argamsiisaniiru.

Dorgommii kiiloo meetira 6 umrii waggaa 20 gadiin Atleetoota dubartootaa gidduutti gaggeeffameen Atleet Sanaayit Geetacheew sadarkaa 1ffaan xumuruun Meedaliyaa Warqee fi Atleet Maadinaa Isaa meedaliyaa Meetii argamsisuun isaanii ibsameera.

Akkasumas dhiiroota umrii waggaa 20 gadiin meedaliyaan Naahisii argamsiisaniiru.

Dorgommii fageenya Kiiloo meetira 10 Atleetota buleeyyii gidduutti gaggeeffameen Atleet Tsiggee Gabrasalaam meedaaliyaa Meetii argamsiifteerti.

Dorgommichaan walii gala Atleenni Ityoophiyaa meedaaliyaa Warqee2, Meetii 7 fi Naahaasii 1 argachuun addunyaarraa sadarkaa 2ffaan xumuruu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.