Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi Guddaan yeroo jalqabaatiif lafa Ikoo-Turizimii Wancii-Dandiitti gaggeeffame agarsiiftuu boruu piroojektichaati Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 18, 2016 (FBC) – Dorgommiin Fiigicha Guddaa guyyaa har’aa yeroo jalqabaatiif lafa Ikoo-Turizimii Wancii-Dandiitti gaggeeffame agarsiiftuu boruu piroojektichaatii ta’uu Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Ikoo-Turizimii Wancii-Dandii argama tuuristoota qofa miti. Giddugala leenjiifi shaakallii atileetotaafi ispoortessitootaa akka ta’utti yaadamee kan hojjetameedha.

Yeroo ammaa sarara kaachoo (running truck) konkolaataa irraa bilisa ta’e Km 15’fi meeshaalee (facilities) barbaachisoo ta’an kan guuttatee jiruudha.

Dorgommii har’aatiin atileetonni biyya keessaafi alaa hirmaachuun milkaa’ina guddaadha. Kana achitti, wantoota dabalataan guutamuu qaban hunda yeroo gabaabaa keessatti guutuun giddugala leenjiifi dorgommii Fiigicha Guddaa sadarkaa idil-addunyaatti beekamu taasisuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaatiin kan hojjetu ta’a.

Moo’attoota dorgommii seenaa qabeessa kanaatiin baga gammaddan jechaa, qaamolee milkaa’ina qophii kanaatiif gumaachan hunda galateeffachuun barbaada!

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.