Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi Guddichi Hidha Haaromsaa Shaashamanneetti gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2016 (FBC)-Fiigichi Guddichi eegalamuu Ijaarsa HidhaHaaromsaa waggaa 13ffaa sababeeffachuun Magaalaa Shaashamanneetti gaggeefameera.

Fiigichicharratti namoonni kuma 10 hirmaachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Shaashamannee Obbo Seefuu Ismaa’el dubbataniiru.

Aanaalee Godina Arsii Lixaarraa akkasumas Magaalaa Shaashamannee irraa hawaasni hirmaate akka jedhanitti iigichi kun tokkummaa lammiileen biyyattii dhimma Biyyaa fi Hidha Haaromsaarratti qaban kan mul’iseedha.

Hidha Haaromsaas akkuma xiqiidhaan jalqabne hanga xumuraatti waan qabnu hundaan deeggarree Itiyoopiyaan pirojektoota jalqabdee xumuruu akka dandeessu addunyaaf ni mul’isna jedhaaniiru.

Waggaa 13ffaa hidhaa Haaromsaa sababeeffachuun fiigicha gaggeeffameerratti hitmaachuun 1ffaa hanga 3ffaa kanneen ba’aniif badhasnii meedaliyaa fi maallaqaa kannameera.

Sagantaa kanarratti akantiibaan Magaalaa Shaashamannee obbo Adaanaa Taklagiyoorgiis akkasumas Bulchaan Godina Arsii Lixaa Obbo Ahmad Haajii fi kanneen biroon argamaniiru.

Xilaahuun Yilmaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.