Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi Maaraatoonii Kumalaa Abbabaa Biqilaa 39ffaan Dilbata dhufu gaggeeffama

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2015 (FBC) – Fiigichi Maaraatoonii Kumalaa Abbabaa Biqilaa 39ffaan Dilbata dhufu Magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa beeksiise.

Fiigicha kanarratti Atleetoonni kilaboota 12, naannolee 2 fi bulchiinsa magaalaa 1 irraa walitti babba’an 354 koorinyaa lamaaniinuu kan hirmaatan ta’uu federeeshinichi beeksiseera.

Dorgomichaaf badhaasni Birriin miiliyoona 1 kan qophaa’e yoo ta’uu, Atleetoonni 1ffaa -8ffaa ba’an ni badhaafamu jedhame.

Fiigichi Maaraatoonii Kuma Abbabaa Biqilaa 38ffaan bara darbe magaalaa Bahiir Daaritti fiigamuun kan yaadatamuudha.

Warqinash Gaashahutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.