Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi Maaraatoonii Walakkaa Dabira Birhaanitti gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 3, 2015 (FBC)- Dorgommiin Fiigicha Maaraatoonii Walakkaa 16ffaan Magaalaa Dabira Birhaanitti gaggeeffameera.

Dorgommichaan naannolee lama, kilabootaa fi dhaabbile 12 akkasumas atileetonni dhuunfaan dorgoman waliigalaan 286 hirmaataniiru.

Haaluma kanaan dhiirotaan Caalaa Katamaa Injiinariingii Ijaarsaa Oromiyaarraa 1ffaa yoo ba’u, Tasammaa Mokonnin Mana Amala Sirreessaa Federaalaarraa 2ffaa, Habtaamuu Abdiisaa Humna Elektirikii Ityoophiyaarraa 3ffaan dorgommicha xumuraniiru.

Dubartootaan ammoo Poolisii Amaaraarraa Zawudiituu Adaraawu 1ffaa, Innaatnash Alaamirroo 2ffaa akkasumas Humna Elektirikii Ityoophiyaarraa Masarat Gollaa 3ffaan xumuruu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.