Fana: At a Speed of Life!

Fiinlaand miseensa NATO ta’uuf murteessite

Finfinnee, Caamsaa 7, 2014 (FBC) – Fiinlaand NATOtti makamuuf murteessuu ishee ifatti beeksiifte.

Preezdaantiin biyyattii Saawulii Niiniistoon walga’ii kaabinoota isaanii waliin gaggeessaniin gaaffii Fiinlaand miseensa NATO ta’uuf dhiyeessiteerratti walii galaniiru.

Kaabineen mootummaa irratti waliigaluu hordofee gaaffii miseensummaa kana raggaasisuuf sagalee Paarlaamaa argachuu qaba jedhame.

Murtichi murtoo seenaa qabeessa kan jedhan Muummeen Ministiraa biyyattii Saanaa Maariin, dhimmi guddaan nageenya ummataa Fiinlaand ta’uu ibsaniiru.

Murtichi nageenyaa fi tumsa biyyoota naannawaa Noordiik kan cimsu ta’uu eeraniiru.

Paarlaamaan biyyattii gaaffii miseensummaa kana ni raggaasiisaan kan abdatan ta’uu ibsuu isaanii RT gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.