Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee; Kolfee Qaraaniyootti manneen seeran alaa 672 diigaman

Finfinnee, Hagayya 6, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Kolfee Qaraaniyootti manneen seeran alaa 672 diigaman.
 
Manneen kanneen weerara lafaatin kan ijaarraman yoo ta’u, manneen dabalataa seeraan ala ijaarramanirrattis tarkaanfiin seera kabachiisuu ni fudhatama jedhameera.
 
Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa aanichaa obbo Awwayyaa Burraayyuun akka jedhanitti, ijaarsi manneen seeran alaa kanneen lafa eegumsa naannoof qabamerratti kan hojjetaman.
 
Namoota ijaarsa seeran alaa gaggeessaniif akka hin hojjenne itti himamaa turus, diddaan ijaaraniiru jedhan.
 
Manneen kanneen baatiiwwan darban keessa si’a 13 diigamanii kan turan yoo ta’u, halkan halkan irra deddeebiin hojjetamaa turuus ibsaniiru.
 
Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Kolfee Qaraaniyoo obbo Gabayaaw Sisaay namoonni kanneen gochaa isaaniirraa akka dhaabbatan itti himamaa tureera; har’ammoo hojiin manneen seeran alaa diiguu hojjetameera jedhan.
 
Jiraattonni magaalattii karaa seera qabeessa ta’een malee weeraraan lafaa fi mana qabachuu hin danda’anis jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.