Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti hoteelonni abbaa urjii baatidhaan galii Doolaara miiliyoona 35 dhabaa jiru

Finfinnee, Caamsaa  6, 2012 (FBC) – Finfinneetti hoteelonni abbaa urjii ta’an baatiin galii Doolaara miiliyoona 35 dhabaa jiru.

Finfinneetti hoteelonni sadarkaan abbaan urjii laatameef sabaaba vaayrasii koroonatiin  baatii tokkotti galii Doolaara Ameerikaa miiliyoona 35 akka dhaban Waldaan Abbootii Hooteela Finfinnee beeksisan.

COVID-19  weerara adduunya ta’u isaan biyyoota garaagaraa rakkoo fayyaarraan ga’aa jirurra darbee diinagdees miidhaa jira.

Vaayrasichaaf fallii hanga argamutti biyyoota akka Ityoophiyaa guddinarra jiran irratti rakkoon diinagdee fi hawaasuummaa  cimsuu akka danda’u ni tilamaama.

Kanafiis Ityoophiyaatti yeroo ammaa kana dameen tuuriizimii fi keessummeessitoota, qonnaa, oomishaa indaastirii fi daldalaa alaarratti dhiibbaa hamaa akka qaqqabsisuu qorannoo ni muul’dhisa.

Ityoophiyaattii weerarichi baatiiwwaan 6 kan turuu yoo ta’e ammo biyyattitti hir’inni oomisha Birrii biiliyoona 139.2 muudachu danda’aa jedhameera.

Dhiibbaa weerara vaayrasii koroonaan Finfinneetti kan argaman hooteeloonni gurguddoon baatii tokkoon gidduugaleessan galii doolaraa Ameerikaa miiliyoonaa 35 dhabsisaa jiraachuu himameera.

Waldaan Abbootii Hooteeloota Finfinnee jala jiran hooteelloonni 130 keessaa 126 irratti qorannoon yeroo gabaaba taasifamee ni mirkaneessa.

Walitti qaba waldaa abbootii hooteeloota fi daayreekatarri Hooteela Juppitaar obbo Biiniyaam Bisiraat, magaalichatti hoteelloonni abbaa urjii 2 hanga 5 haalaa gabaa yerootiif qaamaa qorinnichaa ta’uu himaniiru.

Rakkichii akka hin babballanneef tarkaanfiin motuummaan fudhatamee ni jajjabeeffama jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.