Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti manneen Birrii miiliyoona 3.2 ijaarraman jiraattota harka qalleeyyii ta’aniif kennaman

Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) – Finfinneetti manneen Birrii miiliyoona 3.2 ijaarraman jiraattota harka qalleeyyii ta’aniif kennaman.

Kutaan bulchiinsa magaalaa Yakkaa manneen Birrii miiliyoona 3.2 ijaarsise, 24 jiraattota harka qalleeyyidhaaf laatera.

Manneen kanneen naannoo aanaa 13, buufata da’annaa Mabraatitti kan ijaarramanidha.

Hoji raawwachiisaan kutaa bulchiinsa magaalichaa obbo Asfaaw Laggasaan furtuu manaa jiraattotaaf laataniiru.

Jiraattota manni dabarfameef 24 keessaa 6 qaama miidhamtoota.

Kutaa bulchiinsa magaalichaatti harka qalleeyyii manneen walfakkaataa barbaadan kuma 15 oltu jira.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.