Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin 6ffaan misooma yaa’a laga Naayil eegalame

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2013 (FBC) – Qopheessummaa Ityoophiyaan kan gaggeeffamu Fooramiin 6ffaan misooma yaa’a laga Naayil har’a eegalameera.
Sagantaan fooramichi har’a guyyaa Naayil 22ffaa Ugaandaatti weebiinaraan qophaa’eerratti eegalamuu ibsameera.
Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan guyyaa Naayil ilaalchisee ‘biyyoota Baha yaa’a laga Naayil invastimantii daangaa ce’aa taasiisuu’ mata duree jedhuun barreeffama qorannoo dhiyeessaniiru.
Biyyoonni yaa’a laga Naayil hariiroo naannawaa, seenaa fi aadaa walitti dhiyeenya qabu qabaachuu fi qabeenya uumamaa kuufamaa jirutti waloon fayyadamuuf invastii gochuun barbaachisaadha jedhan.
Qabeenya Jijjiirrama Qilleensaa ittisuuf lagicha sirnaan itti fayyadamuun fedhii bu’uuraa hawaasa naannichaan guutuuf hojjetamuu akka qabu kaasaniiru.
Mariin sadee Hidha Haaromsaa mariisiisuummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamaa jiru bu’aa argamsiisa jedhamee eegama jedhan.
Fooramichi mata duree ‘Invastimantii biyyoota naannawaa Yaa’a laga Naayil’ jedhuun kan gaggeeffamu yoo ta’u, karoora Bishaan, Humna, Nyaataa, naannoo fi qabeenya jijjiirrrama qilleensaa imaammata Yaa’a laga Naayil irratti hundaa’uun yaadni ni dhiyaata jedhame.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.