Fana: At a Speed of Life!

Fooyya’iinsi Proojektoota Elektirikaa magaalota 10 keessatti hojjiirra ooluufi jedhame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Fooyya’iinsi Proojektoota Elektirikaa magaalota filataman 10 keessatti hojjiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu Tajaajilli Elektirikaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Proojektiin fooyya’iinsi taasiifamuuf kunneen Magaalaa Finfinnee, Naqamtee, Amboo, Sulultaa, Bishooftuu, Asallaa, Dabrabiraan, Diillaa, Hoosaa’iinaa, Asoosaa fi Jigjigaatti ta’uu ibsameera.

Proojektichi sarara daddabarsaa elektirikaa fedhii humna elektirikaa magaalota kanneeniin walgitu diriirsuun rakkoo addaan ciccita elektirikaa kan hambisu ta’uu eerameera.

Baasii proojetichaaf deeggarsi Doolaarri miiliyoonni dhibbi 1 Baankii Addunyaarraa kan argame ta’uu fi waggaa 3 keessatti xumuruuf karoorfamuu ragaan Tajaajila Elektirika Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.