Fana: At a Speed of Life!

Gaaffii ummataa deebisuuf hoggansi murannoon hojjechuu qaba – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 18, 2016 (FBC) – Rakkoolee jiran dandamachuun gaaffii ummataaf deebii kennuuf hoggansi murannoon hojjechuu akka qabu Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Raawwiin hojii paartii fi mootummaa naannichaa baatiwwan jahan darbanii Adaamaatti qoratamaa jira.

Jijjiirama hanga ammaatti argameef hoggansa dabalatee lammiileen hedduun itti wareegamuu Pireezidaanti Shimallis ibsaniiru.

Nageenya waaraa mirkaneessuu fi gaaffiilee hawaasarraa irra deddeebiin ka’aniif deebii kennuuf hoggansi murannoon hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Injifaannoo fi milkaa’inoota xixiqqoo faarsuu osoo hin taane milkaa’inoota xixiqqoo argaman akka galteetti fayyadamuu caalmaaf hojjechuun murteessaa ta’uu himaniiru.

Gamaaggamni gaggeeffamaa jiru hojii yeroo itti aanuuf bu’uura ta’uu isaan xiyyeeffannoon ilaallamuu akka qabu himaniiru.

Adaanach Abbabaatu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.