Fana: At a Speed of Life!

Gabaa Kaappitaalaa bu’aa qabeessa taasiisuuf sirna Ooditii ammayyeessun barbaachisaadha – Dooktar Iyyoob

Finfinnee, Sadaasa 13, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaatti aadaa hojiirra oolmaa Ooditii ilaalchise waltajjiin gamaaggamaa bakka hoggantoonnii fi ogeeyyiin oodiitii argamanitti Finfinneetti gaggeeffameera.

Tattaaffii Guddina Diinagdee galmeessuuf taasiifamuuf tajaajilli Ooditii qooda guddaa qabaachuu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalenyi ibsaniiru.

Gabaa Kaappitaalaa hundeessuu fi Baankonni biyya alaa biyya keessa akka galan eeyyamuun Qulqullina Faayinaansii fi gabaasa Ooditiif murteessaa ta’uu eeraniiru.

Sirna ooditii qulqullina qabu diriirsuun bu’aa qabeessummaa sirna faayinaansii mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Qaamolee fi ogeeyyii gabaasa sobaa qopheessan, eeyyama malee ooditii gaggeesanirratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu ibsuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.