Fana: At a Speed of Life!

Gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 141 vaayrasii koroonaatin qabamaniiru

Finfinnee,Waxabajjii 18,2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 141 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise.
 
Sa’aa 24 keessatti qorannaan samuudaa namoota 4,675 hojjetameera.
 
Qorannaa amma ammaatti gaggeeffameen Ityoophiyaatti namoota 5,175 irratti vaayrasichi argamuu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.
 
Namoota vaayrasichaan qabaman 141 keessaa 81 dhiirota yoo ta’an 60 dubartoota.
 
Umriin isaaniis waggaa 2 hanga waggaa 87 ta’uu Dooktar Liyaan beeksisaniiru.
 
Namoonni 139 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, namoonni 2 ammoo lammiilee biyya alaati.
 
Namoonni 113 Finfinneerraa, 15 Oromiyaarraa, 6 naannoo Harariirraa, 3 naannoo Gaambeellaarraa, 2 naannoo Somaaleerraa, 1 Dirree Dawaarraa, 1 naannoo Beenishaanguul Giimzirraa ta’uun ibsameera.
 
Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 1544 kan dandamatan yoo ta’u, 81 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Ityoophiyaatti waliigalaan qorannaan laabraatoorii 232,050 kan hojjetame yoo ta’u, lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamaniis 5,175
 
Amma vaayrasichi kan irra jiru namoota 3548.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.