Fana: At a Speed of Life!

Galteewwaan dhiyeessii meeshaalee bu’uuraa guddisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2015 (FBC) – Galteewwaan dhiyeessii meeshaalee bu’uuraa guddisuuf abboottiin qabeenyaa damicharratti akka bobba’an hojjetamaa jiraachuu naannooleen Oromiyaa fi Amaaraa beeksiisan.

Dhiyeessa Oomishaalee Indaastirii deeggarsa mootummaan dhiyaataan kanneen guddisuuf abboottii qabeenyaa damee dhuunfaa waliin bal’inaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daldalaa naannolee lamaanii beeksisaniiru.

Oomishaaleen Qonnaa ammoo karaa Waldaalee Hojii Gamtaan kallattiin walitti fiduun qaama hunda fayyadamoo taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Kanaanis qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf hojjetamaa jira jedhame.

Oomishaaleen Zayitaa fi Sukkaaraa mootummaa fi Abbootii qabeenyaa dhuunfaa ‘Firaankoo Vaaluutaan’ akka dhiyaatan hojjetamaa jiraachuu Biiroo Daldalaa Oromiyaatti Daayreektarri Dorgommii Daldalaa fi Dhimma Shamattootaa Obbo Lammaa Ajjamaan dubbataniiru.

Hamma dhiyeessii dabaluuf mootummaa cinaatti Abboottiin qabeenyaa dhuunfaa Ministeera Daldalaa fi Walitti hidhamiinsa naawwaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu Itti aanaa Hogganaan Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa naannoo Amaaraa Obbo Faantaaw Faxxanaan himaniiru.

Masfin Iyyaayuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.