Fana: At a Speed of Life!

Gamoon Bulchiinsa Kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo fi pirojektoonni garaagaraa eebbifamaa jiru

Finfinnee, Hagayya 2, 2014(FBC)- Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftootti Gamoo Bulchiinsa Kutaa magaalichaa dabalatee piroojektoonni hawaasa giddugaleeffatan garaagaraa eebbifamaa jiru.

Saganticharratti Kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni olaanoon magaalichaafi kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamaniiru.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen sagantaa eebba piroojektoota kanneeniirratti haasawaa taasisaniin, piroojektoota guyyaa har’aa eebbifaman dabalatee biroojektoonni bara 2014tti qabaman 334 milkaa’inaan xumuramuu eeruun, piroojektoonni dabalataa 300 uummata magaalichaafi abbootii qabeenyaa tola ooltotaan hojjetamuu ibsaniiru.

Adeemsa ijaarsa piroojektoota kanneeniirratti hirmaannaan uummataa dabalaa dhufuun kan nama boonsu ta’uu dubbataniiru.

Piroojektoota bakkaa bakkatti eegalamaniif xiyyeeffannoo kennanii hojjechuuniifi xumuruun tajaajilaaf banaa taasisuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Biyyi kan ijaaramtu waliin ta’uufi piroojektoonni wayita xumuraman kan itti fayyadaman waliin ta’uu ibsuun abbootiin qabeenyaa guddachuu kan danda’an uummanni tajaajila haalaan yoo argate ta’uu hubachuun deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.