Fana: At a Speed of Life!

Gamoon Waajjira Mallaqaa fi walta’iinsa diinagdee godina Harargee Bahaa Birrii miiliyoona 67 ijaarrame eebbifame

Finfinnee, Fulbaana 27, 2014 (FBC)- Gamoon Waajjira Mallaqaa fi walta’iinsa diinagdee godina Harargee Bahaa Birrii miiliyoona 67 ijaarrame eebbifameera.

Gamoochi bakka preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi hooggantoonni olaanoon biroo argamanitti eebbifameeraa.

Magaalaa Hararitti lafa kaaree meetira 700 irratti kan ijaarame Gamoon kun abbaa darbii 4 ta’uu ibsameeraa.

Obbo Shimallis Abdiisaa kallattii hundaan hawaasa garaa guutuun nu filate tajaajiluuf yeroo kamiiyyuu qophii ta’uu kan himan yoo ta’u, kanaafuu hooggansi keenyaafi hawaasni harka wal qabannee hojjachuu qabnas jedhaniiruu.

Hooggansa Godina Harargee Bahaa fi hawaasa godinichaa hundaanis baga gammaddan jedhaniiru.

Waggoottan darban iddoon hojii mijataan dhabamuun abbaa dhimmaaf tajaajila gahaa kennuu irratti rakkoon turuu kan himan Itti Gaafatamaan Waajjira Mallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee Godina Harargee Bahaa Obbo Girmaa Alamuu, Gamoon amma ijaarame rakkoolee turan hundeerraa kan furu ta’uu himaniiruu.

Gamoon kun Biiroowwan garagaraa dabalatee, Galma Walgahii namoota 250 ol qabatu, kutaa tursiisa daa’immanii, kutaa laaboraatorii, giddugala odeeffannoo kan Of keessaa qabu ta’uu ibsameeraa.

Nageessoo Kadiirtu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.