Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awrooppaa biyyoota Afrikaa bahaatif deeggarsa Yuuroo miiliyoona dhibba 1 ol taasise

Finfinnee, Eebila 15, 2013 (FBC)- Gamtaan Awrooppaa biyyoota Afrikaa bahaatiif bara Faranjootaa 2021 rakkoo namoomaa muudateef kan ooluu deeggarsa Yuuroo miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 49 taasiseera.

Komishinarri hooggansa sodaa balaa Gamtichaa Jaaneech Luunaarchiich akka ibsaniitti, yeroo dhihoo as naannichaatti jijjiirrama qabeenya qilleensaa, weerara hoomaa awwaannisaa fi covid-19 babaldhachuurra darbe walitti  bu’insii fi buqqatiin mudaachuu himaniiru.

Komishinichi bu’uura qoqqoodinsa deeggarsaatin Soomaaliyaaf Yuuroo miiliyoona 45.5, Sudaaniif miiliyoona 52, Ugaandaaf miiliyoona 32 fi Jibuutiif walakkaan miiliyoonaa kan ramadameef yoo ta’u, hafteen miiliyoonni 8 ammoo waloon weerara hoomaa awwaannisaa ittisuuf oola jedhameera.

Komishinar Luunaarchiich tibba kana daawwannaa gara Ityoophiyaa fi Sudaan kibbaatti taasisaan irratti hundaa’ee Ityoophiyaaf Yuuroo miiliyoona 53.7 fi Sudaan kibbaaf miiliyoona 43.5 deeggarsi namoomaaf kan ooluu laatamuu ni yaadatama.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.