Fana: At a Speed of Life!

Gamtichi tumsa Misoomaa Ityoophiyaaf taasisu cimse kan itti fufu ta’uu ibse

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2015 (FBC)- Gamtaan Awurooppaa tumsa misoomaa Ityoophiyaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksise.

Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan Itti Gaafatama Walta’iinsa Misoomaa Gamtaa Awurooppaa Dooktar Isteefaan Look waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Dooktar Fitsuum, karoora bara giddugaleessaa mootummaa gama misoomaa invastimantii fi riifoormii diinagdee biyya keessaa irratti ibsa laataniiru.

Dooktar Isteefaan gama isaaniin, Walta’iinsi Misoomaa Gamtaa Awurooppaa Ityoophiya waliin hariiroo waggoottan dheeraa qabachuu kaasan.

Waraanni Kaaba biyyattii karaa nagaan akka furamu waliigalteeraa akka ga’amuu fi waliigalteen booda hojiilee bu’aa qabeessaa hojjetaman hordoffee Gamtaan Awurooppa tumsaa taasisu kan cimsu ta’uu eeraniiru.

Gamtichi hammattoo tumsa misoomaa Ityoophiyaa qopheesse kan xumure ta’uu ibsuun, dhimmoonni gamtichaan xiyyeeffannoo argatan fedhii Ityoophiyaa waliin akka walsimuuf kan hojjetamu ta’uun ibsameera.

Gamtaan Awurooppaa tumsa misoomaa Ityoophiyaaf taasisu cimsee kan itti fufuu ta’uun ibsuu ragaan ministeerichaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.