Fana: At a Speed of Life!

Ganna kana dhiiga yuunitii kuma 108 walitti qabuuf karoorfameera-Baankii Dhiigaa

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2015 (FBC)- Ganna Kana sadarkaa biyyaalessatti dhiiga Yuuniitii kuma 108 walitti qabuuf karoorfamuu Baankiin Dhiigaa Ityoophiyaa beeksise.

Sagantaan jalqabsiisa tola ooltummaa arjooma dhiigaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

Sagantichaarratti Ittaanaan Daayrektara Baankichaa Habtaamuu Taayyeen akka ibsanitti, qaamoleen hunduu karoora dhiigaa yuunitii kuma 108 walitti qabuuf qabame milkeessuuf qindoominaan akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.

Hanqina dhiigaatiin du’aatii mudachuu malu hir’isuuf hunduu dhiiga akka arjooman gaafataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.