Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Olaanoon Mootummaa Federaalaa hojiilee misoomaa Magaalaa Naqamtee daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 17, 2016 (FBC) – Hoggantoonni Olaanoon Mootummaa Federaalaa hojiilee misoomaa Magaalaa Naqamteetti hojjetamaa jiran daawwataniiru.
Ministira Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee, Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi dabalatee hoggantoonni biroon daawwannicharratti argamaniiru.
Jilli kun Ijaarsa Daandii keessoo magaalichaa, Paarkii indaastirii,Galma Walga’ii, Buufata konkolaataa Qindaa’aa Magaalaa Naqamtee fi kanneen biroo daawwataniiru.
Godina Wallagga Bahaatti misoomaawwan bu’uuraa ariitiin akka xumuramaniif mootummaan xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jiraachui Dooktar Iyyoob Takkaallinyi ibsaniiru.
Dhaabbileen ijaarsaa hojiilee kanneen hojjetaa jiranis haala mijataa uumamaa jiruun yeroo gabaabaatti hojicha xumuruuf carraaqaa akka jiran himaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Naqamtee Obbo Misgaanuu Tulluu nagaa naannichatti bu’aa jiruun hojileen misoomaa harkifatanii turan ijaarsi isaanii saffisaa jiru jedhan.
Ijaarsa hojii misoomaa kanaanis lammilee hedduun carraa hojii argataniiru jedhan.
Godina Wallagga Bahaafi Magaalaa Naqamteetti pirojektoonni sababa rakkoo nagaan ijaarsisaanii addaan citee ture nagaa deebi’aa jiruun ariitiin xumuruun tajaajila hawaasaaf oolchuuf hojjetamaa jiraachuus eeruu OBN gabaaseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.