Fana: At a Speed of Life!

Gareen ABUT gochaa Shororkeessummaa yaaduu danda’a, garuu hin milkaa’uuf – Naannoo Kibbaa

Finfinnee, Adooleessa 9, 2013 (FBC) – Gareen ABUT gochaa Shororkeessummaa yaalaa jiru kan hin milkoofneef ta’uu bulchiinsi Mootummaa Naannoo Kibbaa beeksiise.
Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Kibbaa haala waaqtaawaa ilaalchisee ibsa laateera.
Gareen ABUT daa’immaan, maanguddootaa, dubartoota fi abbootii amantaa dirqamaan waraana keessatti hirmaachisuun gochaa seerri idil addunyaa hin eeyyamne raawwachuun garee badii ta’uu isaa ifatti mirkaneessuu ibseera.
Tarkaanfii dhukaasa dhaabuu gam tokkoo mootummaan fudhate cinaatti dhiisuun hojii shororkeessummaa isaa itti fufuu himeera.
Mootummaa fi ummanni naannoo Kibbaa gochaa garichi raawwataa jiru cimsee kan balaaleeffatu ta’uu ibseera.
Haleellaan garichi raawwachaa jiru kan naannoo tokkoo qofa osoo hin taane birmadummaa biyyaa ta’uu ummanni naannichaa hundi kan hubatu ta’uu himeera.
Gochaa Shororkeessummaa raawwachuuf yaadus milkaa’uu hin danda’u jedheera.
Ityoophiyaan ijoollee isheen kabajamtee kan jiraattuu fi ummata birmadummaa isaaf duubatti hin deebine kan qabdu ta’uu ibsichi eereera.
Tarkaanfii mootummaan garee kanarratti fudhatu mootummaa fi ummanni naannichaa cimsanii kan deeggaran ta’uu ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.