Fana: At a Speed of Life!

Gareen Biyyaalessaa ga’umsa gulaallii Waancaa addunyaarratti agarsiise Waancaa Afrikaarratti dabaluu hin dandeenye – obbo Isaayyaas Jiraa

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa ga’umsa gulaallii Waancaa addunyaarratti agarsiise Waancaa Afrikaarratti dabaluu hin dandeenye jedhan Preezdaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa obbo Isaayyaas Jiraan.
Turtii Kaameeruun ilaalchisee leenjiftoota Kilaboota 16 waliin Dirree Daawaatti mariin taasiifameera.
Maricharratti kan argaman Preezdaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa obbo Isaayyaas Jiraan, gareen Kubbaa Miilaa biyyaalessaa Ityoophiyaa ga’umsa gulaallii Waancaa Addunyaarratti agarsiise Waancaa Afrikaarratti dabaluu hin dandeenye jedhan.
Dadhabinni garichaa dadhabina Liigichaa osoo hin taane dadhabina qooda fudhattootati jedhan.
Waancaa Afrikaa Kaameeruuniif qophii taasiifneen yoo madaallame, garichi marsaa itti aanutti darbuu dadhabuun akka dhaabbataatti daraan nu gaabbisiisera jedhan obbo Isaayyaas Jiraan.
Taphataa cimaan Leenjin malee samiidha hin bu’u kan jedhan obbo Isaayyaas, bu’aa argameen gaabbuu osoo hin taane hanqinoota turan sirreessutu murteessadha jechuu isaanii Sookar Ityoophiyaan gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.