Fana: At a Speed of Life!

Gareen deeggarsaa fi hordoffii Dooktar Ballaxee Mollaan durfamu Aanaa Dodolaatti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Bitootessa 10, 2016 (FBC) – Gareen deeggarsaa fi hordoffii Ministira Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxee Mollaan durfamu Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaatti hojiilee misoomaa daawwateera.
Gareen kun hooggamtoota mootummaa Federaalaa garaa garaa of keessatti qabate kun Godina Arsii Lixaa, Aanaa Dodolaatti argamuun hojiilee misoomaa fayyadamummaa uummataa milkeessuuf hojjetamaa jiran daawwateera
Deeggarsaa fi hordoffii Godinaalee fi Magaalota garaa garaa keessatti hooggantoota mootummaa federaalaan taasifamaa jiru kanaan sochiilee hojii misoomaa fi nageenyaa irratti milkaahinootaa fi hanqinaalee jiran adda baasuun kallattiiwwan galtee hojii itti aananii kan kaa’amu ta’a jedhamuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffann
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.