Fana: At a Speed of Life!

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa gita isaanii Leeseetoo waliin qixa xumuran

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa gita isaanii Leeseetoo waliin taphaa madaallii ga’umsaa 2ffaatiin 1-1 qixa xumuraniiru.

Tapha istaadiyamii Yuunvarsiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Adaamaatti taphatameen daqiiqaa 38ffaarratti Daawaa Hootesaatiin galchii jalqabaa lakkoofsisame.

Gareen Biyyaalessa Leeseetoo ammoo diqiiqaa 71ffaarratti galchii Jaanii Taabaasitoon lakkoofsiseen walqixa ta’aniiru.

Gareewwaan biyyaalessaa lameen Sanbataa darbe tapha madaallii ga’umsaa jalqabaatiin walqixa 1-1 xumuruun isaanii kan yaadatamuudha.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.